Dambii Icciitii WA Notify

Dambiin icciitii kun WA Notify (Akeekkachiisa WA), irratti hojiirra oola, kunis teeknolojii akeekkachiisa saaxilamummaa seera qabeessa kan Isteetii Washingtan dha. WA Notify kan hojjatame to'annoo fi mirkaneessa fi beekamtii Department of Health (DOH, Muummee Fayyaa) Isteetii Washingtaniitini.

Odeeffaannoo maalii sassaabuun itti fayyadamna?

Ragaalen (data) armaan gadii WA Notify keessatti walitti qabamuu danda'u:

  • WA Notify buusuu yookin akka hojjatu gochuu.
  • Akeekkachiisa saaxilamummaa fudhachuu.
  • Koodii mirkaneessaa yookin liinkii mirkaneessaa galchuu.
  • Namoota poozitiivii ta'anii namoota biroo hubachiisuu barbaadaniif koodiiwwan icciitii fe'uu.

Department of Health (DOH, Muummeen Fayyaa) Isteetii Washingatan WA Notify akkamitti akka hojiirra oolu hubachuudhaf odeeffannoo taatee armaan olii fayyadama. Ragaan/odeeffannoon kun DOH, dhaabbilee fayyaa hawaasaa, yookin abbootii aangoo fayyaa isaanif eeyyamameef qoodamuu ni mala. Bifa qindaa'adhaan istaatistiksii yookin qorannoo saayinsiitif fayidaarra ooluu ni la. Odeeffannoon kun odeeffannoo dhuunfaa yookin iddoo argamaa kamiyyuu hin argisiisu; akkasumas eenyummaa nama WA Notify fayyadamu kamiyyuu hin agarsiisu.

Kaayyoo Google fi Apple waliin wal simsiisuf, WA Notify icciitii fayyadamaatiif iddoo guddaa kennuun kan hojjatameedha. WA Notify qabiyeewwan odeeffannoo/ragaalee kanneen maddisiisa, odeeffannoo eenyummaa keessan ibsu kan of keessaa hin qabne jechuudha:

Koodiiwwan Icciitii.

  • Koodiwwan icciitii karaa Biluutuuzii ismaartfooniwwan fayyadamtoota WA Notify gidduutti qoodama, yeroo isaan walitti dhiyaatan.
  • Koodiwwan icciitii kan uumamuu fi bilbila keessan irratti fe'amu WA Notify dhaanii miti.
  • Koodiwwan icciitii kan gargaaru WA Notify eeyyamuu fi bilbilli keessan saaxilamummaa COVID-19 akka to'atu gochuu qofaafi.
  • Koodiwwan icciitii kan kaa'aman yoo baay'ate guyyoota 14.

Koodiwwan mirkaneessa fi liinkiwwan

  • COVID-19 dhan qabamtanii hojjatnnoonni fayyaa hawaasaa naannoo yoo isin qunnaman, fayyadamaa WA Notify yoo taatan isin gaafatu. Ni fayyadamtu taanan, WA Notify akka seentaniif koodii mirkaneessaa yookin liinkii isniif kennu.
  • DOH ammoo ergaa mul'atu (pop-up notification) fi/yookin ergaa barreeffamaa gabaabaa liinkii mirkaneessaa qabu namoota dhiyeenya COVID-19'n qabamaniif ni erga, kunis fayyadamtoonni WA Notify hatattamaan akkasumas icciitidhaan namoota biroo fayyadamtoota ta'an akeekkachiisa.
    • Akeekkachiisa tuquun yookin liinkii merkaneessaa keessan cuqaasuun koodin icciitii keessan akka qoodamu gargaara, kunis fayyadamtoonni WA Notify isin itti dhiyoo turtan tarii saaxilamuu akka hin oolle akeekkachiisni akka icciitidhaan akka isaan qaqqabuufi.
    • DOH namoota COVID-19'n qabaman hundumaaf ergaa gabaabaa liinkii mirkaneessaa wajjin ni ergaaf, sababni isaa eenyu WA Notify akka fayyadamu hin beeknu waan ta'eefi. WA Notify hin fayyadamtan taanan, ergicha dhiisuu dandeessu.
    • Icciitidhaan fayyadamtoota WA Notify kan biroo akeekkachiisuf (to alert) akeekkachiisa tuquu yookin liinkii mirkaneessaa cuqaasun isintu murteeffata.

Akkaataa Itti Seenan/Fayyadamaa

  • Akkuma tajaajila appilikeeshinii yookin intarneetii kamiyyuu, yeroo isin tajaajilicha fayyadamtan WA Notify ofiidhuma isaatiin akkaataa itti seenan uuma. Akaataan seensaa kun waa'ee bilbila keessanii odeeffannoo muraasa ni hammata. Odeeffannoo kana rakkoolee WA Notify waliin wal qabatan furuuf itti fayyadamna.
  • Galmeewwan (logs) kunneen koodiiwwan icciitii yookin liinkiwwan mirkaneessaa yookin koodiwwan hin hammatu, akkasumas gosa koodiwwan kamiyyuu isin yookin ismaartfoonii/bilbila keessan wajjin wal qabsiisuf hin oolu.
  • Seensawwan (logs) kunneen erga uumamanii guyyaa 14 booda hatattamaan haqamu.

Xinxaala Odeeffannoo (Data)

  • Xinxaala (analytics) dabalataa akka hojjatu gochuu yoo barbaaddan, appilikeeshinichi akka fooyya'u gochuudhaf ragaan dimshaashaa murtaa'aa ta'e DOH dhaaf ni qoodama.
  • Odeeffannoon (data) kun appilikeeshinicha akkamitti akka itti fayyadaman kan agarsiisu qajeelcha (statistics) of keessatti hamata. Odeeffannoo eenyummaa keessan ibsu kamiyyuu of keessaa hin qabu.
  • Xinxaala (analytics) appilikeeshinii keessaa cufuudhaan odeeffannoo kana qooduu dhiisuu ni dandeessu.

Yerodhuma hojjatamu, WA Notify odeeffaannoo iddoo itti argamanii (location) bilbila kee irraa hin sassaabu akkasumas odeeffannoo isin yookin bilbila keessan koodiwwan icciitii yookin koodiwwan mirkaneessaa waliin wal qabatu hin qoodu.

Koodii mirkaneessaa yommuu gaafattan maaltu ta'a:

Fayyadamtoonni WA Notify kanneen qorannoo COVID-19 manatti taasifameen poozitiivii ta'an koodii mirkaneessaa WA Notify keessatti gaafachuu malu; kunis tarii saaxilamuu danda'uu isaanii fayyadamtoota WA Notify biroo icciitidhaan akeekkachiisufi. Koodii mirkneessaa fudhachuudhaf, fayyadamtoonni WA Notify guyyaa itti poozitiivii ta'anii fi lakkoofsa bilbila isaanii galchuu qabu. Koodii mirkaneessaa galchuudhaf meeshanumti koodii galchuuf ittii dhimma bahame itti dhimma bahamuu qaba yookin fayyadamtoota WA Notify saaxilamuu akka malan icciitidhaa akeekkachuf liinkii mirkaneessaa cuqaasaa.

Bu'aa qorannoo wal fakkaataan baay'en akka hin baane ittisuuf, WA Notify lakkoofsa bilbilaa koodiin ittiin gaafatame bifa kiriptoogiraafii ta'een yerodhaaf hanga guyyaa 90 tti ni ni kaa'a. Odeeffannoon kun odeeffannoo dhuunfaa yookin idoo argamaa hin hammatu, akkasumas eenyummaa fayyadamaa WA Notify kamiyyuu adda hin baasuf hin oolu.

Odeeffannoo keessan yoom qoodna?

Isin koodii mirkaneessaa yookin liinkii mirkaneessaa yoo galchitaniin alatti nuti fedhii keenyan odeeffannoo keessan hin sassaabnu yookin nama biroof hin qoodnu. Koodii mirkaneessituu yoo galchitan, WA Notify koodiwwan icciitii keessan bilbila nama biraa kan naannoo keessan tureef ni qooda jechuudha. Koodin yookin liinkin mirkaneessaa nama bilbila keessan sirriitti keessa hin beeknen/hin fayyadamneen deebi'ee isin wajjin akka walitti hidhatu. Odeeffannoon maalii WA Notify keessatti akka sassaabamee fi fayidaarra oole caalmatti baruuf Odeeffannoo Maalii Sassaabun Itti Fayyadamnaa?

Odeeffannoo keessan akkamitti eegna?

WA Notify Google fi Fireemwoorkii Akeekkachiisa Saaxilamummaa Apple kan waa'ee akkaataa itti inkiriipti godhanii fi dabarsanii ulaagaawwan adda ta'e of keessaa qabuu fayyadamuun koodiiwwan icciitii eega. WA Notify koodiwwan icciitii keessan hin kuusu yookin hin uumu— bilbilli keessan garuu ni kuusas ni uumas.

Mirga odeeffannoo keessan irratti qabdan

Koodiwwan mirkaneessa fi galmeewwan iyyataa (application logs) biilbila keessan osoo hin argatin isiniin walitti hin hidhatu waan ta'eef, DOH odeeffannoo kana arguu hin danda'u. Sababa kanaaf, yoo gaffattan DOH odeeffannoo kana isiniif kennuus ta'ee haquu hin danda'u. Fayyadama WA Notify kan to'atu isini. Bilbilli keessan akeekkachiistuwwan saaxilamummaa dhaamsuuf yookin yeroo kamittuu akkaataa seensaa (logs) saaxilamummaa bilbila keessan irratti kuufame akka badu gochuu qaba. Dabalataan, yeroo kamittuu WA Notify balleessuu ni dandeessu. Yoo akkas gootan, koodiwwan kuufaman hundinuu ni badu.