Washington State Department of Health (DOH, Biiroo Fayyaa Washington State) irraa ergaan barreeffamaa fi/yookin hubachiisni isin qaqqabeeraa?
Akeekkahiisa (notification) gosa lamatu isin qaqqaba. Namoonni qoratamanii poozitiivii ta’an liinkii mirkaneessatu karaa ergaa gabaabaa qaqqaba fi/yookin hubachiisatu qaqqaba. Fayyadamtoonni WA Notify (Akeekkachiisni WA) kanneen tarii saaxilamanii turan akeekkachiisa saaxilamummaa (exposure notification) isaan qaqqaba.
DOH namoota dhiyeenyatti COVID-19’n qabamaniif ergaa barreeffamaa fi/yookin akeekkachiisa (pop-up notification) bilbila isaanii irratti ergaaf.
Fayyadamtoota WA Notify yoo taatan, akeekkachiisa sana yookin liinkii ergaa barreeffamaa irra jiru sana cuqaasun adeemsawwan WA Notify keesssa jiru hordofaa, kunis icciitidhaan namoota biroo saaxilamuu danda’an akeekkachiisufi.
Fayyadamaa WA Notify yoo hin taane, ergaa barreeffamaa sana dhiisuu (ignore) dandeessuu.
Akkamitti bilbila keessanitti akka dabaltan dabalatee waa’ee WA Notify caalmatti baruu yoo barbaaddan, WANotify.org ilaalaa
Ergaan barreeffamaa fi akeekkachiisichi maal fakkaata?
Akeekkachiisa qorannoo COVID-19’n poositivii ta’uu
Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa
Share Your COVID-19 Diagnosis
Namoonni kan biroo COVID-19 saaxilamuu akka hin oolle icciitidhaan akka baran gochuuf as tuqaa. Fayyummaa hawaasa keessanii eeguf sadarkaalee kana eegaa. Odeeffannoon dhuunfaa keessan nama biraaf hin qoodamu.
Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa
Message from (Mensaje del) WA Dept. of Health:
This number was given for a recent COVID-19 test. If this phone uses WANotify AND belongs to the person tested, please click the link within 24 hours. Follow the steps to anonymously alert others who may have been exposed.
https://us-wa.en.expressly/v?c=8w5io5c38ipo24fc
Se dio este numéro para una prueba reciente de COVID-19. Si este teléfono usa WANotify Y es de quien se hizo la prueba, haga clic en el enlace en las próximas 24 horas. Siga los pasos para alertar anónimamente a quienes tal vez hayan sido expuestos.
NOT the person tested? Need more information? Visit wanotify.org/text
¿NO es quien se hizo la prueba? ¿Desea más información? Visite notificawa.org/texto
Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa
Message from WA Dept. of Health:
If this phone uses WANotify AND belongs to the person tested, please click the link within 24 hours. Follow the steps to anonymously alert others who may have been exposed.
https://us-wa.en.expressly/v?c=5b56h13n80q9onll
NOT the person tested? Need more information? Visit wanotify.org/text.
Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa
Mensaje del Departamento de Salud del Estado de Washington:
Si este teléfono usa WANotify Y es de quien se hizo la prueba, haga clic en el enlace en las próximas 24 horas. Siga los pasos alertar anónimamente a quienes tal vez hayan sido expuestos.
https://us-wa.en.expressly/v?c=dvo8iije3v33saoj
¿NO es quien se hizo la prueba? ¿Desea más información? Visite notificawa.org/texto.
Akeekkachiisa COVID-19’f saaxilamuu danda’uu
Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa
Tarii COVID-19 dhaaf saaxilamtaniirtu ta’a
Dhiyeenyatti nama COVID-19'n qabametti dhiyoo turte. Itti aansun waanti gootan murteessadha waan ta’eef nuti ammoo isin gargaaruf qophiidha. Caalmatti baruudhaaf bakka kana cuqaasa.
Fayyadamtoonni WA Notify namoonni biroo COVID-19’f akka hin saaxilamne dhoksaadhan akeekkachiisa erguuf liinkii ergaa barreeffamaa irra jiru yookin akeekkachiisa cuqaasuu qabu. Ergaan icciitii kun fayyadamtoota WA Notify kanneen biroo dhiyeenya kana COVID-19’f saaxilamuu akka hin oolle isaan hubachiisa. Fayyadomtootni WA Notify bu’aa qorannoo isaanii dhoksaadhan akka mirkaneessan eeyyamuun tatamsa’inni COVID-19 hatattamaan akka ittifamu taasisa. Yeroo adeemsa qorannoo dhibee (case), Biiroon fayyaa hawaasaa liinkii mirkaneessaa (verification link) fi koodii laachuu dhiyeessuu ni danda’a.
Doktara waldhaansa isiniif laatu (primary doktor) yookin ogeessa qorannoo isiniif taasisu kan qunnamtan:
- Ergaa gabaabaa fi/yookin akeekkachiisa (notification) yoo isin qaqqabe, garuu ammoo bu’aa qorannoo keessan hin fudhanne yoo ta’e, yookin
- waa’ee bu’aa qorannoo keessanii gaaffii yoo qabaattan
Gaaffilee yeroo hunda gaafataman
Erga WA Notify eenyu akkan ta’e hin beeku ta’ee, akkamiti ergaa gabaabaan fi/yookin akeekkachiisni na dhaqqabuu danda’e?
Ergaan gabaaba fi akeekkachiisni DOH dhaan ergaman malee WA Notify dhaan miti. DOH namoota COVID-19’n qabaman hundumaaf ergaa gabaabaa fi/yookin akeekkachiisa ni erga, sababni isaa eenyu text and/or a notification to everyone who tests positive for WA Notify akka fayyadamu hin beeknu waan ta’eef. WA Notify fayyadamaa hin jirtan yoo ta’e, ergaa gabaaba fi akeekkachiisa dhiisuu (ignore) dandeessu.
Washington State Department of Health ergaa barreeffamaa yokin akeekkachiisa eenyuf akka ergu akkamitti beeka?
Akka seeratti, bu’aaleen qorannoo dhibee daddarbaa hundinuu bayyaaf gabaafamuu qabu, odeeffannoo tuttuuqqii wajjin jechuudha. Tatamsa’ina dhibichaa hambisuuf jecha Biiron Fayyaa Hawaasaa qorannoo dhibee fi hordoffii tuttuqqii (English only) gaggeessuf odeffaannoo kanatti dhimma baha. Namoota qoratamanii poositiivii ta’an akeekkachiisun yookin hubachisun, fayyadamtoonni WA Notify namoonni biroo saaximauu akka danda’an dafanii akeekkachiisa dhoksaadhan akka kennaniif isaan dandeessisa.
Ani WA Notify fayyafamaa hin jiru. Maalif ergaa barreeffama natti ergite?
DOH namoota dhiyeenyatti COVID-19’n qabamaniif ergaa barreeffamaa fi/yookin akeekkachiisa (pop-up notification) bilbila isaanii irratti ergaaf.
DOH kan beeku kanneen poositiivii ta’an qofaadha – eenyu WA Notify akka fayyadame hin beeknu. Namoota hundumaatti ergaa gabaabaa erguudhan, fayyadamtoonni WA Notify namoonni kan biroo akka hin saaximane akkeekkachiisa saffisaan erguudhan namoota heddu baraaruu ni dandeenya.
Fayyadamaa WA Notify yoo hin taane, homaa gochuun isin hin barbaachisu. Akkamitti bilbila keessanitti akka dabaltan dabalatee waa’ee WA Notify caalmatti baruu yoo barbaaddan, WANotify.org ilaalaa
Ergichi lakkoofsa bilbilaa kam irraa dhufa?
Lakkoofsi DOH irraa ergaa ergu, 1-844-986-3040 dha.
Ergaan gabaaban fi/yookin akeekkachiisi na dhaqqabeera, garuu lakkoofsi ergaan irraa naaf dhufe kan miseensa maatii yookin nama wajjin mana tokko keessa jiraanuti. Maal gochuun qaba?
Fayyadamaan WA Notify qoratamee poositivii ta’e tokko iccciitidhaan namoonni kan biroo akka hin saaxilamne akeekkachiisuf, adeemsa hordofuu qabu, kanaaf ergaa barreeffamaa yookin akeekkachiisa isin hin ilaallanne dhiisuu qabdu.
Miseensi maatii yookin nama wajjin jiraattan fayyadamaa WA Notify ta’an poositiivii yoo ta’an akkasumas bu’aa qorannoo isaanii WA Notify irraa mirkaneeffachu barbaadu yoo ta’e, sarara bilbilaa (hotline) COVID-19 kan ta’e 1-800-525-0127 irratti bilbiluu danda’u, sana booda # tuquun qajeelfama WA Notify hordofuu danda’u. Bilbilli yoo ka’u, liinkii mirkaneessa WA Notify gaafadhaa.
Akeekkachiisa tuquuf yookin liinkii mirkaneessaa akka hojjatu gochuuf yeroo hammamin qaba?
Akeekkachiisa yookin ergaan barreeffamaa erga isin qaqqabeen booda adeemsa jiru hordofuun namoota WA Notify keessa jiran/fayyadaman akeekkachiisuf sa’aatii 24 qabdu. Yeroo kenname kana keessatti akeekkachiisa yookin liinkii ergaa barreeffamaa wajjin isin qaqqabe tuquu/cuqaasuu hin dandeenye yoo ta’e, lakkoofsa bilbilaa COVID-19 kan ta’e 1-800-525-0127 irratti bilbilaa, sana booa # tuquun qajeelfama WA Notify hordofaa. Bilbilli yoo ka’u, liinkii mirkaneessa WA Notify gaafadhaa. Yeroo biiron fayyaa hawaasaa waa’ee bu’aa qorannoo COVID-19 tiif isin qunnamu, liinkicha gaafachuu dandeessu.
Liinkii mirkaneessaa WA Notify keessatti akka hojjatu gochuuf, ergaa barreeffamaa yookin akeekkachiisa sana namni tokkoo ol fayyadamuu ni danda’aa?
Lakki. Miseensi maatii yookin nama wajjin jiraattan fayyadamaa WA Notify ta’an poositiivii yoo ta’an akkasumas bu’aa qorannoo isaanii WA Notify irraa mirkaneeffachu barbaadu yoo ta’e, sarara bilbilaa (hotline) COVID-19 kan ta’e 1-800-525-0127 irratti bilbiluu danda’u, sana booda # tuquun qajeelfama WA Notify hordofuu danda’u. Bilbilli yoo ka’u, liinkii mirkaneessa WA Notify gaafadhaa. Yeroo biiron fayyaa hawaasaa waa’ee bu’aa qorannootiif isin qunnamu, liinkicha gaafachuu dandeessu.